Murad Baadaanoo

Murad Baadaanoo Murad Ka Baddaannoo

16/05/2026
08/06/2023

As wr wb 🌹🌹🌹🌹🌹S. W. A πŸ₯€πŸ₯€

Suuraakee Arkdenngamad Fuuliikee naddura badaa πŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΊπŸŒΊπŸŒΊπŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’‹
04/06/2023

Suuraakee Arkdenngamad Fuuliikee naddura badaa πŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΊπŸŒΊπŸŒΊπŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’‹

Fayyaa "TIRUU" Keenyaaf:1. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (He...
18/05/2023

Fayyaa "TIRUU" Keenyaaf:

1. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun (hepatitis B ittisa) ta'uu mala.

2. Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhatam yeroo hedduu fudhachuu irraa of qusachuu (Miidhaa tiruu "Drug induced hepatitis" waan nutti fiduuf).

3. Diina tiruu kan ta'e Alkoolii kam irraa fagaachuu (Dhukkuba tiruu "Alcholic liver disease" waan nutti fiduuf).

4. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu dhiisuu fi sochii qaamaa sirriitti taasisuu (Ulfaatinni humnaa olii dhukkuba tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu waan nutti fiduuf).

5. Qorichoota aadaa kan hagi isaanii (dose) hin beekamne irraa of qusachuu.

6. Buna dhuguu! Qorannoowwan hedduun fi kitaaboonni fayyaa buna dhuguun fayyummaa tiruu keenyaaf hedduu gaarii akka ta'e ibsu, keessuma gosa dhibee tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamuuf.
Namni Akkana Ja,ee Dr Gurrmeessa
-----------------------------
"Fayyaan Faaya" liver health

16/05/2023

QABXIILEE IJOO HAADHOLII ULFAATIIF:
**************************************
I. Haati ulfaa takka guyyaa jalqabaa xuriin laguu isii kan dhumaa (ulfaayuun dura jiru) dhufe san galmeeffate qabachuu qabdi. Inni kun hordoffii yeroo ulfaa isiif godhamu irratti faayidaa garagaraa heddu qaba waan ta'eef.
---

II. Haati ulfaa tamuu Hordoffii Ulfaa qabaachuu qabdi. Haati ulfaa rakkoo fayyaa biraa hin qabne takka Hordoffii Ulfaa dhaabbilee fayyaatti si'a (marsaa) saddeetiin isiif godhama; kan jalqabaa ji'a sadi dura yeroo tokko, kan lammataa ji'a shanaaffaa irratti, kan sadaffaa ji'a jahaaf wolakkaa irratti, kan arfaffaa fi shanaffaa ammoo turtii ji'a tokko tokkootiin ji'a torbaaf wolakkaa fi ji'a saddeetiif wolakkaa irratti, Hordoffiin Ulfaa jahaffaa, torbaffaafi saddeetaffaan ammoo ji'a saddeetiif wolakkaa booda torbaan lama lamaan hanga deettutti kan godhamu ta'a jechuudha. Hordoffii kanniin irratti qorannoon, talaalliinii fi qorichii haadha takkaaf kennamu waan jiruuf yeroo isaa egaanii hordofuun daran barbaachisaadha.
---

III. Haati ulfaa takka araada garagaraa irraa fagaachuu qabdi. Dhugaatilee Alkoolii fi sigaaraa, shiishaa, wontoota aarsaman kan biroos gonkumaa fayyadamuu hin qabdu. Nama isii cinaatti aarsu irraas fagaachuu qabdi. Caatiis/jimaas qama'uu hin qabdu. Bunas yoo baay'ate guyyatti sinii bunaa sadi caalaa dhuguu hin qabdu.
---

IV. Haati ulfaa takka nyaata gahaaf madaalamaa gartuulee nyaataa garagaraa irraa (fuduraaf kuduraa, midhaan, foon, aananiifi bu'aalee aananii, killee, qurxummii fi kkf) otoo argachuu dandeettee fayyaa isiifii daa'ima gadaamessa keessa jiruuf hedduu gaariidha. Kan dura guyyatti nyaattuu irraa yeroo tokko itti dabaluun nyaachuu qabdis. Fkn guyyatti yeroo sadi kan nyaattu yoo ta'e guyyatti si'a afur nyaachuu qabdi jechu.
---

V. Haati ulfaa takka sochii qaamaa gochuu qabdi. Fkn guyyatti daqiiqaa soddomaaf deemsa lafoo (miilaa) gochuu ni dandeessi. Garuu Ispoortii dadhabsiisoofi ulfaataa ta'an hojjachuu hin qabdu. Yeroo ispoortii hojjattus garaan ol deebitee ciisuudhan hojjachuu hin qabdu.
---

VI. Haati ulfaa takka qulqullinna dhuunfaafi naannoo isii eeguu qabdi. Harka isii saamunaan dhiqachu. Qaama ishii yero yeroodhan bishaan qulqulluun dhiqachuu. Qulqullinna ilkaaniifi keessa afaanii rigachuudhaan, jidduu ilkaniis qulqulleessuudhaan eeggachuu qabdi. Bishaan qulqullu fayyadamu qabdi. Qulqullinna naannoo jireenya isiis eegamuu qaba. Qulqullinna haala kanaan eeguun carraa Infeekshinota garagaraatin qabamuu daran hirdhisa.
---

VII. Yeroo ulfaa wol-qunnamtii saalaa gochuun miidhaan hammaataan inni ulfa irratti fidu hin jiru. Kanaaf haati ulfaa takka yeroo ulfaan jirtu kamiin irrattuu qunnamtii saalaa gochuu ni dandeetti. Haa ta'u malee yoo dhiigni ykn dhangala'aan gadaamessaa bahu/jiguu fi ciniinsuu irra jiraatte qunnamtii gochuu hin qabdu.
---

VIII. Haati ulfaa takkaa yoo xiqqaate yeroo tokko (ji'a jaha ga'uun dura) Altiraasaawundii ilaalamuu qabdi. Altiraasaawundii ilaalamuun kunis ulfi isii tokko ykn lakkuu ta'uu, haalli uumamaa sirri hin taane jiraachuufi jiraachuu dhabuu, haala umama hobbaatii, fi guyyaa(umrii) ulfa sanii beekuuf fayyada.
---

IX. Yeroo ulfaa ajaja ogeessa fayyaatiin qofa qorichoonni fudhatamuu qabu. Yeroo mana yaalaa deemtanii tajaajila argattan, yoo ulfa qabaachuu keessan beektan ogeessa isin woldhaanu saniif dursitanii himuu hin dagatinaa. Qorichi yoo isiniif ajajames kan ulfa miidhuuf kan hin miine ta'uu isaa ogeessa isiniif ajaje san irraa, akkasumallee ogeessa (Faarmaasii) qorichicha isiniif kenne ykn gurgure irraallee irra-deebi'aa mirkaneeffadha.
---
---
X. Haati ulfaa takka mallatoolee armaan gadii kana yoo mudateen ykn ofi irratti agarte hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa deemuu qabdi: Dhiigni qaama saalaatiin ykn gadaamessaa as bahu/jigu yoo jiraate, dhangala'aan akka bishaanii yoo qaama saalaatii heddumaatee jigaa ykn uffata jalaa jiisaa jiraate, qaamni ishee (harka, lukaa fi fuulli) yoo iita'aa dhufe, bowwoo hamaan, ijji itti dimimmisuun, naannoo cinaacha mirgaa/lapheetti dhukkubbiin hamaan yoo jiraate, of wollaaluun, qaamni ishee hargufamuun (ijji adiin olgaragaluun hoomachi afaanii jiguun), hafuurri hanqachuun/ garmalee hargansiisuun, daa'imni gadaamessa keessa jiru kan sosochi jalqabe yoo sosochiin sun xiqqaate ykn dhabame, dhangala'aan foolii qabu kan qaama saalaatii as bahu fi hoo'i qaamaa yoo jiraate. Mallattooleen kun kan dhukkuboota haadhaa ykn daa'ima ulfaayee jiru tasa ykn yeroo gabaabaa keessatti miidhuu danda'an waan ta'aniif hatattamaan/yeroo otoo itti hin kennin gara dhaabbilee fayyaa deemuun barbaachisaadha.
---
---
XI. Yeroo ulfaa, ulfaatinni qaamaa haadha ulfaa tokko ni dabala. Ulfooftee ji'a (baatii) afur irraa kaasee ulfaatinni isii Kg 1.5 hanga Kg 2 ji'a ji'aan dabalaa deema. Haati ulfaatinna qaamaa hojjaan madaalawaa ta'e qabdu yeroo ulfaa kg 10-12 jiddu-galeessaan ni dabalti jedhamee eeggama. Kanaaf haati ulfaa takka ulfaatinna qaama isii kan ulfaan dura ture (ykn kan ji'oota jalqaba yeroo ulfooftee) otoo beektee filatamaadha. Fayyaa qaama isheef daa'imatiif ulfatinni dabalu kun jiraachuuf nyaata madaalawaa armaan dura eerre sanniin fayyadamuun barbaachisaadha.
---

XII. Yeroo ulfaa jijjiramni haala hojii qaamaa (physiologic changes) garagaraa ni jiraata. Isaan keessaa tokkoo hammi dhangala'aa dhiigaa (plasma) ni dabala. Haa ta'u male dabaluu dhangala'aa dhiigaa kana wojji seeliin dhiigaa gita saniin hin dabalu. Kun ammoo hirdhinna dhiigaa yeroo ulfaa (Physiologic Anemia of Pregnancy) fida. Akkasumas, Aayiraaniin (Albuudni Hemoglobin Seelii Dhiiga Diimaa irra jiru tolchuuf gargaaruu) hammi inni yeroo ulfaa barbaadamu ni dabala. Hamma barbaadamu saniin Aayiranii nyaata keessatti yoo hin argannee kunis Hirdhinna Dhiigaa (Iron Deficiency Anemia) fida. Kanaaf haati ulfaa takka yoo xiqqaate ji'a sadii hanga ji'a jahaa yeroo gahuuf Ayiranii (fi Folic Acid) bifa Kininiitiin ykn Shiroopiin jiru fudhachuu qabdi. Akkasuma gosa nyaataa Aayiraniin badhaadhan kan akka: foon diimaa, tiruu, foon lukkuu, aanan, qurxummii, baaqelaafi atara yoo fayyadamte gaariidha.
---

XIII. Dubartiin ulfaa takka deeggarsa hamilee fi xiinsammuu abbaa-worraa, maatiifi hiriyyoota isii irraa argachuu qabdi. Haati ulfaa takka yaada garagaraatiin (Fkn qophii haadha ta'uuf deemuutiin, sodaa tari rakkoon yeroo dahumsaa na mudatinnaa jedhuun, shakkii daa'imni garaa jiru fayyaafi qaama guutuu qabaa laata jedhuun fi kkf taniin, akkasuma mallattoofi dhukkubi yeroo ulfaa itti dhagahamu tokko tokko irraa ka'uun dhiphachuufi cinqamuu dandeessi). Kanaaf deeggarsi (hamilee kennuun, jajjabeessun, akka baay'iftee hin yaaddofne gargaaruun, yeroo hordoffii godhuuf deemtu woliin dhabbata fayyaa deemuun) abbaan worraa isii, maatii fi hiriyyoonni gargaaruunii qabu. Akkasuma haati ulfaa takka hirriba gahaa, guyyatti sa'aatii 7-9 gahu rafuu qabdi.
---

XIV. Yeroo Hordoffii Ulfaa, haadha takkaaf qorannoolee godhaman garagaraatu jira. Hubannoon hawaasa keessa jiru tokko Altiraasaawundii ilaalamuun qofti gahaa akka ta'etti ilaaluudha. Inni kun sirrii miti. Marsalee hordoffii garagaraa irratti qorannoon Fincaanii, Gartuu Dhiigaa, HIV, Vaayirasii Tiruu Gosa B (HBsAg), Hamma Hemoglobin dhiigaa (Hb & %Hct), Qorannoo Fanxoo (Syphilis) ni godhamu. Akkasumas dhiibbaa dhiigaafi hamma sukkaaraa ilaaluun barbaachisaadha. Qorannoole kana gochuun dhukkubni haadha irraa gara daa'ima gadaameessa jirutti darbu yoo jiraate yaaluufi ittisuuf, hirdhinni dhiigaa jiraachuufi jiraachuu dhabuu adda baasuuf, Gartuun Dhiiga haadha worraafi abbaa worraa yoo wolitti dhufe miidhaan inni daa'ima uumamaa jiruuf qabu adda baasuu fi Infeekshiinoonni ulfaaf yeroo ciniinsuu irratti rakkoo fidan jiraachuufi jiraachuu dhabuu adda baasuuf nu gargaara. Kanaaf qorannoolee kana gochuun haadhaafi daa'ima gadaamessa jiruuf faayidaa guddaa qaba.
---

XV. Akkasuma yeroo ulfaa qorichoota fi talaallii kennamutu jira. Talaalliin kana dura kennamu (TT) kan Teetanasii (Tetanus) yoo ta'u kan ammaa ammoo (Td)n dabalataan kan dhukkuba 'Diphteria' jedhamu of keessaa qaba. Haati kana dura talaallii kana fudhattee hin beekne takka yeroo ulfa isii kanaa yoo xiqqate si'a lama (Td-1 fi Td-2) fudhatuu qabdi. Talaalliin kun si'a shan kan kennamu yoo ta'u (Td-1--Td-5) jira. Kan duraa (Td-1) hordoffii ulfaa yeroo jalqabaaaf deemte irratti kennama. Kan lammataa (Td-2) ammoo Td-1 fudhattee ji'a tokko booda kennama. Kan sadaffaa (Td-3) ammoo Td-2 fudhattee ji'a jaha booda kennama. Td-4 fi Td-5 ammoo garaagarummaa woggaa tokko tokkoon fudhatti, yeroo ulfa hin jirrettillee jechuudha. Hanga Td-5 fudhatanii geessanii jennaan san booda (ulfa itti aanan) irratti fudhachuun isii hin barbaachisu jechuu. Akkasumallee baati sadi booda qorichoonni dhukkubbilee garagara hanbisuuf kennaman ni jiru. Kaalshiyemii fa'as kennamuufi danda'a. Dhaabbata fayyaa deemanii tajaajila kanneen argachuun daran barbaachisaadha.
---

XVI. Haati takka yeroo ulfooftu jijjiirama haalaafi hojii qaamaa garagaraa (physiologic change) qabaatti. Jijjiiramoonni kun muraasni ammoo miirri dhukkubbii tokko tokko akka itti dhagahamu gochuu malu. Yeroo ulfaa PHn aasidii garaachaa ni dabala, sosochiin garaachaa ni hirdhata, kun ammoo hammaafi turtii nyaanni bullaayuuf itti fudhatu ni dheeressa. Akkasumas hormooniin Piroojestroonii fi Estardayol yeroo ulfaa dabaluun akka iddoon liqimsiitun nyaataafi garaachaa wolitti dhufu sun baldhattu (dilate) ta'u godhuun aasidiniifi nyaatni bullaayuu irra jiru ol deebi'uun Gubaa Laphee itti fidu godha. Gubaa Laphee irraa gara kokkee ol nama gubu kun haadholii ulfaa heddu irratti muldhachuu danda'a. Gubaa laphee kana irraa fooyyee argachuuf haala nyaataa jijjiiruu, yeroo tokkon baay'e nyaachuu irra xiqqo xiqqoodhaan turti yeroo gababduutin nyaachuu, nyaata zaayitin, dhadhaaniifi coomni itti baay'ate hirdhisu, gara hirribaa otoo hin deemin sa'aa lama dursanii nyaachuu, yeroo ciisaan boraatii (tiraasii) dabalachuu; yoo kanaan fooyyee dhaban mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
---
Β©Dr. Nuredin Luke

15/05/2023

Tokko Tahuuf Akka Karoorfamee Galma Akka Gahuus Abdii Qabna!!
Walii Galan Alaa Galan Jedhamaami.

Address

Diiree Dhaawa
Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Murad Baadaanoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share