12/10/2024
Mootummaan Harka Nagaaf Diriirse Har’as Hindachaasu
Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti garaagarummaa jiru dhiphisuun, rakkoo nageenyaa naannoo keenya mudate karaa nagaan hiikuun nageenyafi misooma ummata Oromoo guutuummatti deebisuuf qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha walirraa hincinne taasisuufi yaaliiwwan marii gochaa tureera. Kanaanis, yeroo garaagaraatti hidhattoonni murna adda addaa kumaatamaan lakkaawaman galuun gadadoo ummata isaanirra gahaa ture hirdhisuu keessatti qooda bahataa jiru. Mootummaan hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun araaraan galaa turanifi galaa jiran, akkasumas qaamolee qoodafudhattootaa milkaa’ina hanga ammaa argameef gumaachan maraaf dinqisiifannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu irradeebiin ibsuun barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoofi waadaa rakkoo nageenyaa ummata keenyaa mankaraarsaa jiru karaa nagaa hiikuuf qabu har’as kan hinlaaffisneefi karra araaraaf bane kan hincufne ta’uu asuman hubachiisuun fedha. Bu’uuruma kanaan, qaamolee hidhatanii Naannoo keenya keessa socho’an keessaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” jedhee ofwaamu mootummaa waliin marii nagaa adeemsisuun garaagarummaa isaa karaa nagaa tarkaanfachiisuuf fedhii qabaachuu dhiheenya ibsuun isaa kan yaadatamuudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo gareen kun qabate daran kan jajjabeessuufi ija gaariin kan ilaalu ta’uu ibsaa, gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu kan mirkaneessu ta’a.
Dabalataanis, mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaabbachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu cimsee kan itti fufuudha. Akkasumas, kanneen garaagarummaa yaada isaanii karaa nagaa tarkaanfachiisuu barbaadaniif dirree siyaasaa falmii yaadaaf mijatu kan qopheessuu qofa osoo hintaane, tiksuuf yeroo kamuu dammaqinaan kan